Special Post
Iccittii Du'aa Ka'umsaa kutaa 2ffaa
- Get link
- X
- Other Apps
Namni yeroo du’aa ka’utti yeroo sadi ergamaan qulqulluu Mikaa’eel faaggaa (malakata) ni afuufa, labsiin ni darba.
Labsii jalqabaa irratti:
Foon namootaa bakka tokkotti walitti ni qabamu,
Kan tortore, kan bishaan nyaate, kan bubbeen fudhate,
Kan bineensi hamaan nyaatee hundi bakka tokkootti walitti ni qabamu.
Labsii yeroo lammaffaatti:
Hiddiifi foon lafeen wal qabatu,
Reeffa hoo’a (reeffa reef du’e) ni fakkaatu.
Qaama isaanii keessayis kan hir’atu hin jiraatu.
Labsii yeroo sadaffaatti:
Hundii du’aa ni ka’u.
Dhiirri kan wagga 30, dubartiin kan wagga 15 ta’uun akkuma Addaamiifi Hewaan yemmuu uumamaan sana fakkaatanii du’aa ni ka’u.
Kan gaarii hojjete biiftuurra harka 7 addaatetti ka’a.
Kan yaraa hojjete qurroorraa harkaa 7 gurraacha’ee ni ka’a.
Kan boo’an aka hin boonye, kan gammadan akka hin gammadne ta’a, kan quufan akka hin quufne, kan dheebotan akka hin dheebotne ni ta’u. (1Qor. 6:29)
Gooftaan jiraattitafi du’oota irratti murteessuu ni dhufa. Guyyaa dhufaatii isaas ergamoota isaatiin marsamee dhufa. (Mat. 24:29)
“Gooftaan yemmuu dhufu ergamoota isaa samii irraa sagalee faaggaa guddaa wajjiin ni erga, isaan ammo warra Waaqayyoof foo’aman kallatti arfanii, andaara bantii samii gar tokkoo hamma gara isa kaanittis walitti ni qabu.” (Mat 24:31).
Du’aa ka’uu boodaas
Fuudhafi heerumni dadhabbiifi jabinni, sooressiifi hiyyeessi, dullumni hin jiru;
Namoonni hundi haala wal fakkaataa ta’een ni argamu.
Dacheen kunis ni dabarti.
Si’ooliin ibidda gahannamiin bakka buuti,
Jannatni immoo Iyyaruusalem ishee samiitiin bakka buutti.
Egaa barumsii waa’ee Iccitii du’aa ka’uun wal qabattu bifa gababaan hangummaa ammatti kan dubbistaan fakkaata. Kutaa barumsaa biraa yeroo itti annu wal arginaa.
Eebbi Abbaa, Jaalalli Ilma, tokkichumaan afuura qulqulluu kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam, Eegumsii ergamoota qulqulluu, kadhannaan abbootaa warreegamtottaa qulqulluu biyyaa keenya Itiyoophiyaa, amantaa keenya kiristaannaa ortodooksii, ummataa kiristannaa maraa bakkee gara garaa kan jiruu nu hundaa keenya irraa ollee nuuf haa bulu.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!
- Get link
- X
- Other Apps

Comments
Post a Comment