Special Post

Na dhiba jaalalli kee na dhiba arjumaan kee best new 2023 afaan oromoo o...

Image
Na dhiba jaalalli kee  Na dhiba arjumaan kee Hin madaalamuu kan kee gooftaa  Barumaa baraan amma iyyuu galataa Barruun kee naaf waraanamee Dhiphuun kee natti dhaga'amee Mul'istee jaalalaa kan kee Fannoo fanniiffamuun kee Hubaadhe ani jaalalaa kee Gooftaa eenyuu akkii kee Argeraa an nan odeessaa Addunyaati an ba'een labsaa Sin argee mil'uun ijii koo Jajaatam jedhee abbaa koo Uumaa koo si jabiinni koo Yoo roomuu dandhabee humnii koo

Iccittii Du'aa Ka'uu

 Amma garuu Kiristoos kan muganiif hangafa ta’uudhaan du’aa ka’ee jira. Duuti gama namaattin waan dhufeef, du’aa ka’uun ammo gama namaatiin ta’ee jira. Hundumti Addaamiin akkuma du’an, hundumti ammo Kiristoosin jiraattota ni ta’u. (1Qor.15;20).

  • Jiraataa bara baraa kan ta’e fayyisaan keenya I/Kiristoos erga fannoo irratti lubbuu isa dabarsee kenne booda ni awwaalame.
  • Guyyaa sadiifi halkan sadiif awwaalaa keessa bulee. 
  • Guyyaa sadaffaatti awwaalaa naaf banaa, kafana narra hiikaa osoo hin jedhin du’a injifatee boolla keessaa ni ka’e.
,

“Waaqayyoos akka nama hirriba dammaquutti ni ka’e, akka nama cimaa machiin daadhii isa dhiisetti; diinota isaa gara boodaatti rukute.”(Far. 77 (78) : 65)

Gooftaan keenya I/Kiristoos dhala nama mara irraa du’a isaatiin du’a barbadeessee, awwaala keessaa ka’eera. Nuttis akkasuma bara gara boodaa du’aa ni kaana. Iccitiin akkanaas Iccitii du’aa ka’uu jedhama.

Iccitummaan isaas, Namni erga du’ee foon isaa tortoree booda, deebi’ee lubbuu waliin tokko ta’uun, jiraataa bara baraa ta’uun isaa iccitii guddaadha.

Iccitummaan isaas, Namni erga du’ee foon isaa tortoree booda, deebi’ee lubbuu waliin tokko ta’uun, jiraataa bara baraa ta’uun isaa iccitii guddaadha.

F  “Waa’ee kana hin dinqisiifatinaa, warri du’anii awwalaman sagalee isaa yeroon itti dhagahan ni dhufa.” (Yoh. 5:28)

F  “Kiristoos warra du’an keessaa ka’uun isaa erga lallabamee attamitti isin keessaa kaan warri du’an hin jiru jechuu danda’uuree? Warri du’an ka’uun hin jiru erga ta’ee, Kiristoos ammo du’aa hin kaane. Kiristoos du’aa hin kaane erga ta’ee lallabuun keenya dhimma hin baasu, amanuun keessanis faayidaa hin qabu.” (1Qor. 15:12)

Yommuu du’aa kaanu immoo hojiin nu yeroo biyyaa lafa kana irratti hojjetaa turre nu waliin ni ka’a. Gooftaan keenya I/kiristoos qulqulloota isaa wajjiin ni dhufa.

F  “Yommus mallattoon Ilma namaa samii keessatti ni mul’ata, yeroo sanatti sabni biyya lafaa hundinuu boo’uf jiru, Ilmi namaa ammo dumeessoota samii irraa humnaafi ulfina guddaadhaan dhufuu isaa arguuf jiru.” (Mat.24:29)

Inni yeroo sanatti namoota gaarii hojjetan mirga isa, namoota yaraa hojjetan bitaa isaa irra ni dhaaba.

Warra gaarii hojjetanin:

F  “Isin ijoollee Abbaa kook an eebbifamtan gara koo koottaa, beela’ee na nyaachiftan, dheebodhee dheebuu na baaftan, keesummaa ta’ee na simattan, darree natti uffistan, dhukkubsadhee na gaafattan, hidhamee gara koo dhuftan” jedhaan. Isaaninis mootummaa Waaqayyoo ni dhaalchisa.

Warra gara bitaatti argamaniin garuu:

F  “Isin warra abaaramoo nana, ana biraa deemaa; beela’ee ana hin nyaachife, dheebodhee anan hin obsaasne, keessummaa ta’ee nah in simaanne, daareen ture, daara ana hin baafne; dhukkubsadheen ture; hidhameen ture isin ana hin gaafanne, isin gara ibidda bara baraa isa Seexanaafi ergamoota isaaf qophaa’e dhaqaa” (Mat. 25:41)

Comments

Popular posts from this blog

Iccittii Du'aa Ka'umsaa kutaa 2ffaa